logo-qeerroo-oromiyaa3
Ibsa Ejjennoo Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Godina Iluu fi Jimmaa
Nuti bakka bu’ootiin  Qeerroo Bilisummaa godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 26/2013 walitti dhufuun haalaa yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo fi doorsisaa fi dararaa mootummaan Wayyaanee baratootaa Oromoo Yuunivarsiitiilee garaagaraa keessaatti adeemsisaa jiruu fi addaatti immoo Wayyaaneen  xiyyeeffaannaa baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo fi Finfinnee irraatti taasisaa jiruu ilaalchisuun marii bal’aa godhannee milkiin xummurachuun Ibsaa Ejjeennoo itti anuu fudhanne.
  1. Gochaa mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsaa baratootaa Oromoo danquuf mooraa baratootaa Oromoo Oromummaan yakkuun hidhuu, doorsiisuu, barnotaa irraa arii’achuu fi ajjeessuu akka toftaa itti  fudhachaa kan jiruu attaamaan dhaabuu qaba. Akeeknii mootummaa Wayyaanee kun kayyoo keenyaa irraa kan nu hin laaffisnes ta’uu firaas diinaas ni  hubachifna.
  2. Torbee kanaa keessaa doorsiifni mootummaa Wayyaaneetiin baratootaa   Oromoo  Yuunivarsiitii Jimmaa nagaan barnotaa isaanii barachaa jiranii fi baratootaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barnotaa isaaniitiin illee qabxii ol aanaa galmeessaa jiran baratootaa Oromoo 7 irraattii gaggeeffaamaa jiruu, atattaamaan dhaabbachuu qaba.
  3. Qabsoon goototni ilmaan Oromoo bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa Oromiyaaf gaggeessaa utuu jiranii lubbuu itti wareegamaan fiixaan baasuuf:-
a)     Ilmaan Oromoo tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun bakka jirruu hundaattii jabeessiinee wal haa ijaarru.
b)    Maqaa Ummaataa Oromootiin Jaarmiyaa Siyaasaa Omishuun bu’aan isaa uummataa keenyaa waanjoo garbummaa jala tursuu fi umrii abbootii irree dheereessuu qofa ta’uu beektotaa Oromoo ni hubachiifna.
c)     Gidduu kanaa karaa ilmaan Oromoo biyyaa ambaa jiraaniin fi hoggaantootaa fi miseensotaa ABO duraaniitiin dhaabnii haaraan hundeeffaamee jechuuu dhageenya, dhaabni kun qabsoo uummataa Oromoo lamsheessuu fi umrii bittaa garbummaa Oromoo irraatti dheeressuuf itti yaadamee kan hundeeffame ta’uu ni hubanna, keessaattuu Itoophiyaa ijaarraa jechuun kan dhaadataan maqaa Ummataa Oromootiin dhaadachuu dhaabuu qabu, guyyaa tokkoo miseensotni dhaabaa ADO ofiin jedhuu kun itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa ba’uu kan hin dandeenyee ta’uu ni hubachiifna, ilmaan Oromoo nagaan biyyaa Ambaa jirattaan utuu hin beekiin akeekaa kana keessaatti qooda fudhachaa kan jirtaan atattaamaan harkaa keessaa akka baafattaan ni dhaamna.
d)    Uummaannii Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jiraatnu ololaa fi afaan faajjii wayyaanotaa fi gorsiitotaa Wayyaaneetiin qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii gaggeeffaamaa jiruu fashaleessuuf jabeessiinee dhaabaa kaayyoo dhugaa kaleessaa ilmaan Oromoo irraatti wareegaman hin jijjirree ABO jalatti  wal ijaaruun tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun qabsoo:
e)     Yeroo irraa gara yerootti bifa qindaa’een qabsoo FDG biyyaa  keessaattii jabeessinee itti fufna.
f)      Qabeenyaa , beekumsaa , humna fi waan dandeenyuu hundaan WBO ni jajjabeessina.
4.  Mootummaan Abbaa irree EPRDF sodaa guddaa keessaa seenuun Mooraa Yuunivarsiitiilee  biyyaatii keessaa jiran human waraanaa fi dabbalotaan eeguu irraa darbee baratootaa goolaa jira, kun immoo biyyaa keessaa jiratuu keessaattii lammiileen biyyaatii mirgi nagaan barachuu sarbamaa jira, Addaattii immoo ilmaan Oromoo miseensaa fi jala deemtuu wayyaanee hin ta’iin mirgii namummaa fi barnootaa irraa mulqamee akka lammii lammaaffaatti ilaalamuun galgalaa ganamaa qoratama, wayyaanotaan hordofamaa jiraachuun saxilamee jira, hallii kun wayyaanee kufuuf raafamaa jirtuu kufaatii wayyaanee kan ariifachiisuu ta’uu hubachiisuun mooraa Yuunivarsiitilee biyyaattii keessaatti gaffii mirgaa barnootaa fi bilisummaa sarbamuu ilaachiisuun FDG wal irraa hin citnee gaggeessuun jabeessiinee ni hojjeetna. Kanuma waliin mooraan Yuunivarsiitiis beektotaa fi hayyootaa Omishaa turtee amma dabbalotaa wayyaanee Omishuutti xiyyeeffaattee jirtuu atattamaan dhaabuu qabdii.
5.Biyyaa keenyaa Oromiyaa keessaattii midhaa fi dhiibbaan Mootummaa EPRDF’n gaggeeffaama jiru hedduu jabaachaa jira, qotee bulaan Oromoo qotatee of jiraachiisuu dadhabaa jira, Xaa’oo yeroon hin argatuu, yoo argatees, xaa’oon karaa Abbootii qabeenyaa wayyaanee dhiyaatu gatiin isaa human qotee bulaa olidha, kaffaltiin gibiraa, buusiwwaan fi kanfaltii taksii fi qaraxaa dachaan dabaluun uummaannii keenyaa dararamaa jira, rakkoo uummataa keenyaa kanatti furmataa gochuunf uummataa keenyaa cinaa dhaabbaannee, gaffii mirgaa:-
a) Laftii kan qotee bulaatii, qotee bulaa Oromoof mirgii abbaa lafummaa haa kabajamuu.
b) Xaa’oon  qotee bulaa keenyaaf karaa mootummaa haa dhiyaatu,
c) Kaffaltiin gibiraa, qaraxaa, fi busiin taksii humnaa olii qotee bulaa irraa kafamuu qaba,
d) Maqaa investimentii jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisuun dhaabbaachuu qaba jennee , rakkoo ummaataa keenyaaf furmaataa fiduuf uummataa keenyaa ijaaruun FDG ni gaggeesina, sagalee uummataa keenyaas addunyaa ni dhageesifna, uummaannii keenyaa tokkummaan harkaa wal qabannee wal wajjiin haa kaanu jechuun marii haala yeroo irraatti gaggeeffatan milkiin xummuratan.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!