Posted by ODF on Wednesday, September 4, 2013 · Leave a Comment
Akkuma beekamuu fi irra deddeebi’amee himame dhaloota ADOf kan sababa ta’e, Qabsoo ummanni Oromoo baroota dheeraaf gaggeessaa tureen injifatnoolee argate qabatee garafuulduraatti tarkaanfachuu irra of duuba deebi’aa deemuu qabsoo ti. gamabiraan ammoo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waldhabdee fi lolli jiru nagaan furamee, qabsaa’onni Oromoo wal- loluu dhiisanii diina isaanii qofa irratti akka bobba’aniif yaaliin baroota dheeraaf ta’aa ture fachaluu isaa, ABO tokkorraa gara 4ykn shanitti adda baba’uun isaa fi haalleen kanaan wal qabatan baayyeetu bu’ureeffama ADOf sababa ta’e.
ADOn walgahii ummataa banaa ta’e gaggeessa waan ta’eef walgahii akkasii irratti kan isa deeggaranis, isa mormanis, gaaffii adda addaa qabanis, hunduu walgahii kana irratti argamuun Hoggantoota dhaabichaa waliin akka yaada wal jijjiiraniif hawaasa oromoo hunda afeera. Kunis kan godhamaa ture, yaada qajeelaa fi democratawaa kan ummatni bilisummaan sodaa tokko malee yaada karaa qabsoo saba keenyaaf ta’a jedhu dhiheessee irratti mari’atuun yaada isa wayyaawaa fudhachuu fi isa jibbe ammoo karaa ammayyaan(modern/civilized)dhiisuun gargarbahuu akka danda’amu amanuu irraati.
ADOn deemsa isaa akkasii kana keessatti yeroo baayyee waan arguu fi taajjabau baayyee qaba. Aadaa fokkisaa miseensotni dhaaba an Oromoofan qabsaa’a ofiin jedhanii tokko tokko umurii isaanii guutuu qabatanii ittiin jiraachuu barbaadanis kan deebisee isaanuma miidhu malee kan qabsoo saba ni dhaabbanaaf jedhani kanaaf bu’aa hin qabne ta’uu isaallee ni hubata.
ADOn gaafa bu’ureeffamu irraa jalqabee akka dhaaddannootti jiruu isaa guyyuu keessatti qabatee deemu tokko, qabsoo Oromoon walii isaa irratti geggeessu keessaa baafnee warra isa garboonfatanii jiran waliin goona waan ta’eef atakaaroo dhaabota Oromoo waliin hin seennu kan jedhu ture. Kanaafis hanga har’aatti karaa adda addaan ololaa fi lola ADO irratti deemuuf deebii hin kennin har’a ga’e, fuuldurattis dhaaddannoo fi ejjennaa isaa kanaan itti fufa.
Kana jechuun garuu lafa mirgi isaa xuqamee fi daangaan darbametti of irraa hin ittisu ykn deebisa hin kennu jechuu akka hin taane hubatamuu qaba.
Walgahii ADOn hawaasa Oromoo waliin gaggeessu bakka tokko tokkotti namoonni tokko tokko dhaabota Oromoo tokko tokkoon; keessumaa dhaaba ABO ergamne kan jedhan walgahii ADO jeequuf ykn gufachiisuuf yeroo isaan ifatti yaalii taasisan mul’achaa jira. ADOn dhaaba Siyaasaa sagantaa mul’ataa fi ifaa qabu waan ta’eef, falmi isaa diinota Oromoo waliin malee dhaabota Oromoo waliin waan hin taaneef dhimma kana osoo arguu irra darbaa ture.
Haata’u garuu namootni an miseensa ABOti ofiin jedhan kan aadaas ta’e naamusa miseensi dhaba sabaguddaan bakka bu’a ofiin jedhuu kan hinqabne fi waangodhan illee kan hinbeekne yeroo isaan jequmsa walgahii hawaasaa irratti godhan argina. beekaniis haa ta’u osoo hin beekin ergaa diinaa baatanii akka deemaa jiran himuu feena. Kun kan agarsiisu amala diiggaa fi gadhee hoogganni dhaaba isaan itti miseensoman kun qabu saaxiluu irra darbee deemsa ADO irratti waan inni fidu tokkollee hin jiru.
Warri akka murna kanaa yoo nu ta’e malee waa hojjetamu hinqabu kan jedhanii fi biyya Oromaa keessatti illee oromoon nagaan akka hin maria’anne gochuu barbaadan kun osoo silaa danda’ameefii aangoo siyaasaa qabaatanii ykn carraa biyya bulchuu argatanii sirna akkamii uumuuf deemuu kan jedhu namnuu itti yaaduu qaba.
No comments:
Post a Comment