May 20, 2015 Oromia
“Achii booda, ennaa karaa sana irra deddeemnee dadammaqsannee deebinu immoo karicha cufanii nu eegan. Gurmuun poolisoota federaalaa ka biroon, ‘maaliif karaa kana irra deemtan?” jedhanii nu qaban. Shofeera konkolaataa keenyaa fi waahiloota keenyaa fi ana reeban. Nu dhidhiitan. Mooraa hidhaatti nu naqan. Qophee koo na baasisanii na kabalan …” jechuun himaan, Obbo Beqqeleen. Yeroo dheeraa eega mana-hidhaa tursiisamanii booda, hoogganoonni Poolisii Oromiyaa humnoota Federaalaa sana waliin dubbatanii, waaree-booda sa’aa afuritti isaan hiikuu isaanii dubbatu. “Sababaa kanaan walga’iin uummataa guddaan silaa Mattuutti geggeessuuf karoorfannee tures ni hafe” jedhu.
Kan himannaa ilaalchisee har’a gaafataman, hoogganaan Boordiin Filannoo Bulchiinsa Naannoo Oromiyaas – Ambaasaaddar Dirribaa Magarsaa, Medrek waa’ee reebicha Obbo Beqqelee Garbaa fi waahiloota isaanii irratti raaw’atame – jedhame kanaa, himannaa waajira isaaniitti dhiyeeffachuu isaa eeranii, “poolisoonni Oromiyaa akka gochaa sana keessaa harka hin qabne dubbatanii jiran. Gochaan kun ka raaw’atame humnoota federaalaa naannawa san turaniin ta’uu nutti himan. Eenyus tahe eenyu kan gochaa seeraa alaa raaw’ate itti gaafatamuu qaba. Qorannnaa geggeessaa jirra” jedhan.
No comments:
Post a Comment