abo

Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOdhaan hogganamu waggoota afurtamman dabran gargaarsa tokkoon maleetti fi duula diinota qabsoo kana dhabamsiisuuf irratti faraqaan bobba’an lakkoobsaan hedduu fi dandeetti guddaa qaban irra aanee hundee sabboonummaa hin buqqaane gad dhaabuu danda’ee jira. Hundeen sabboonummaa kunis Oromummaa fi hawwii (aspiration) bilisummaa Oromiyaa ti. Har’a barri itti Oromoodhaan ati Oromoo dha, biyti tee Oromiyaa dha jedhanii barsiisan dabarteetti. Akkasumas faallaa kanaan afaan alagaa tahanii Oromootti gadi bahuun, ati Itoophiyaawii dha, biyti tees Itoophiyaa dha jechuun kan qabsoo Oromoo dura dhaabbatanii maqaa Oromoo dhawatuun lallaban deddeebi’anii mul’atan illee mul’atni isaanii fudhatama hin arganne; har’as fudhatama hin qabaatu.
Galanni jaallan hundee Oromummaa jabaa kana akka hin buqqaanetti gad dhaabuuf jecha wareegama qaalii baasanii fi har’s kaayyoo kanatti cichanii baasaa jiraniif haa tahuutii, har’a Oromoon eenyummaa saba isaa fi biyya isaa baruu bira dabree waan isaaf tahu murteeffachuuf illee gahummaa dammaqinsa siyaasaa amansiisaa horatee argama. Kun injifannoo hangafaa fi bu’uuraa kan milkaawina qabsichaaf akka furtuutti ilaalamuu dha.
Sabboonummaan Oromoo har’a bakkayyuu daraare diinnan Oromoo yoo yaaddessu lammiif ammoo abdii ol’aanaa dha. Sochiin diddaa gabrummaa barattoonni Oromoo yuniversiitiilee, kooleejotaa fi manneen barnoota sadarkaa adda addaa keessatti taasisaa jiran kanaaf ragaa hangafaa taha. Har’a ‘Dhaloota Qubee’ jechuun kan beekamu dhaloonni jalaa ol dhufaa jiru injifannoolee hangafootaan galmeeffame dhaalee tiksuu fi injifannoolee dabalataa galmeessuuf Oromiyaa mara keessaa of qopheessuu irratti argama. Dhaloota hangafaa kan qabsoo baroota dheeraatiin hundee sabboonummaa hin daddaaqamne kana gad dhaabeef kabajaa fi mararfannoo guddaa kan qabu dhaloonni Oromoo haaraan, tarkaanfiin itti aanu hoo maali, jedhee wal gaafachuu fi mariyachuutti jira. Sabboonummaan Oromoo kaayyoo bilisummaa Oromiyaa mirkaneessuu irratti jaarame akkamitti dhugooma kan jedhu irratti dhaloonni haaraan dirqama seenaan isa irra keesse bahachuuf sochiitti seenee akka argamus ifa galaa dha. Diinni deemsa QBO bifa abdachiisaa kanaan deemaa jiru doomsuuf ijibaachuu irraa wayta itti duubatti jedhe hin qabu. Tarkaanfii humnaa fi haxxummaatiin sabboonummaa Oromoo kolaasuu carraaquu irraa dhaabbatee hin beeku. Tarkaanfii humnaa fudhatee lubbuu qabsaayota hedduu gaaga’eera, qaama hir’iseera. Kumoota hidheera, kumoota biyya irraa baqachiiseera. Tarkaanfii haxxummaa fudhateenis dargaggootaa fi sabboontota Oromoo baay’ee kaayyoo QBO ABOdhaan durfamuu irraa maqsuuf jecha doorsisaanis tahee gowwoomsaadhaan miseensummaa dhaaba bixxillee isaa OPDO guuchifateera. QBO keessattis lukkeelee qabsicha keessaan diigan kumaan kadhimmatee jeequmsa ulfaataa mooraa QBO keessatti gaggeessaa bahee jira. Tarkaanfiileen humnaas tahee haxxummaa kun marti garuu daranuu sochii sabboonummaa fi falmaa mirga Oromummaa finiinsisan malee duubatti deebisuu hin dandeenye; gonkumaas hin dandayani. Diinas tahe kanneen bitamanii shiroota kana irratti itti fufinsaan bobba’an kana akka gaariitti beeku.