Bitoootessa 28,2013 Asoosaa
AsoosaaMootummaan garboomfataa wayyaanee uummata biyyattii garbummaan hacuucee kan bulchu irratti diddaan jabaachaa dhufuun waamichi barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barsiisota
http://qeerroo.orgYuunivarsiitii Asoosaa barsiisotni Engineering and technology barsiisan iyyannoo galchan.Mootummaan wayyaanee firoottan isaa malaammaltummaa fi saaminsaan guddisaa hojjettoota mootummaa ammo miindaa gad aanaan hojjechiisuu mormuun barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa haalli kun hatattamaan hin sirratu taanaan hojii dhaabuu isaanii beeksisuun bulchinsa Yuunivarsiitichaa iyyannoo galchanii jiran.Gaaffiin mirgaa barsiisotni Dirree Dawaa gaafatan gaaffii bilisummaa tahuu ibsuun barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.Diddaan barsiisotaa waamicha barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaan bakka mara dhaqqabuun ifaan mormii jabaan eegalamee jira.