Adoolessa 14,2013 Jimmaa

Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaattii yakkii ajjeechaa Poolisotaa fi dabbaloota Mootummaa Wayyaanee fi EPRDF’n barataa Oromoo irraatti rawwatame.
Poolisonnii fi dabbaalloonnii sirnaa Wayyaanee EPRDF’n durfaman mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Ilmaan Oromoo adamsanii ajjeesaanii dhuksuuf yaalii torbee tokkoo oliif godhaniyyuu ciminaa sabboontotaa Qeerroo baratootaa Oromoo if irraa eegaa turan.
Akka kanaan barataa Faasil Huseen Umar Barataa Saayikooloojii Waggaa 2ffaa bakkii dhalootaa isaa Godinaa Baalee kan ta’ee Adooleessaa 7/2013 galgala keessaa sa’aa 2;30 irraatti utuu Yuunivarsiitii Jimmaa karraa guddaa karaa dhihaa gara mooraatti seenaa jiruu humnotaa Poolisaa karraa irraa Jiraniin qabamee Wajjiraa Poolisaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti argamuu biroo hogganaa wajjiraa Poolisaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kaliid Abbaa Tamaamiitti geeffaamuun humnotaa tikaa ,dabbaalootaa fi hogganaa pooliisii mooraa Yuunivarsiitii Jimmaan reebbichaan humnaa olii irraatti rawwaatame,

Sirna mootummaa Wayyaanee mormuun tokkummaa dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo Bilisummaa keessaa hirmaannaa qabda,mooraa kana keessatti ijaaramtanii sochii farra mootummaa gaggeessaa jiruu fi kkf itti kaasuun halkaan keessaa hangaa sa’aa 7:30tti reebbichaan dararamaa hamaa irraa ga’ee. sanaa boodaa gadii baasuun qorraa keessaatti seensuma mooraa Yuunivarsiitii bakbala guddaa irraatti laameraa xiqqoo 3mx3m ijaaramtee balbala irraa jirtuu keessaatti hidhame. Dararama hamaa irraa ga’een halkaan keessaa sa’aa 10:30 irraatti lubbuun isaa wareegamuun saxilamee jira. Dabballoonnii fi poolisonnii tarkaanfii ajjeechaa barataa nagaa kan yakka tokkoo illee dalagee hin beeknee  barataa Faasiil Huseen kana irraatti raawwatan .
Dubbiin kanaan hin dhaabbatuu gochaan diinummaa kun akkamiitti akka rawwatee, eenyuun akka rawwatee fi essaatti yoom akka rawwaatee biraa ga’uuf saboontotni Qeerroon hojii tikaa fi Odeeffaannoo dhimmaa kana qulqulleessuuf qorannoo guyyaa shanii gaggeessuun Barataa Faasil Huseen Umaar barataa Sayikoolojii wagga 2ffaa Doormii Koomoroos jedhamuu kan galaa turee, yeroo ammaa boqonnaaf biyyaa galuuf qophii irraa jiraachuu isaa fi Adooleessaa 7/2013 sa’aa 7:30 irraatti dormiidhaa Mooraa Yuunivarsiitii alatti ba’ee buufataa konkolaataa deemuun tikeetaa ittin gara biyyaa deemuu muratee galgalaa sa’aa 2:30 irraatti Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa gara doormii isaatti deebii’uuf mooraa utuu seenuu ni barbadamtaa jechuun poolisotaa fi namotaa hucuu poolisaa hin ufatiin lamaan qabamee gara wajjiraa poolisaa Mooraa keessaatti argamuu biroo Kalid Abbaa Tamaamitti geeffamuun namotaa biro kana waliin jiranii fi kanneen gochaa suukkanneessaa barattoota irratti raawatan gutuutti eenyummaa isaanii waan qabnuuf gama fuula duraa ibsina.
Ummanni Oromoo keessattuu warri biyya alaa jiraatan ajjeechaa,saaminsa qabeenyaa fi dachii,hidhaa fi yakkoota Oromoo irratti raawatamaa jiru mara irratti iyyannaa hanga har’aatti taasiftan hafee hin qabu.Caalaatti gidiraa saba irra jiru dhageessisuu fi aduunyaa haala Oromoon keessa jiru hin beekiinitti dhaqabsiisuuf tokkummaan sagalee keessan akka ol kaftan imaanaan isin irra jirti.