Waxabajjii 30,2013 Mattuu
Mootummaan Wayyaaneetti diddaan barattoota Yuunivarsiitii Mattuu bara guutuu itti jabaachaa kan ture guyyaa eebbaa irratti itti jabaachuun mootummaa Wayyaanee rifaatii guddaa keessa seensise.Yuunivarsiitii Mattuu keessatti barattootni oromoo gurmuun walitti dhufuun sirbawwan gootummaa fi xiiqii diina waliin wal qabanii jiraachuu kan weellisan yoommuu tahu uummatni eebbaaf Yuunivarsiitii Mattuu deeme gootummaa ilmaan isaaniitti hedduu boonuun barattoota waliin makamuun sirbawwan gootummaa sirbanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan Yuunivarsiitii keessa seensisuun barattootaa fi uummata nagaa doorsisuu irratti argama.Barattootni oromoo gamtaadhaan walitti dhufuun jala bultii eebbaa irratti sirba Eebbisaa Addunyaa EENYUSHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA EJJETTEE MORMA ISHEE HIN KUTTUU jedhu sirbuun bulchinsa Yuunivarsiitii,Waraana wayyaanee fi basaastota rifaatii guddaa keessa buusisanii jiran.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu taasisu diddaan jabaatee akka itti fufu qeerroon Yuunivarsiitii Mattuu gabaasee jira.